Fana: At a Speed of Life!

Qormaanni naannoo kutaa 8ffaa hanga Muddee 30tti laatamee xumurama-Ministeera Barnootaa

Finfinnee, Sadaasa 25, 2013 (FBC)- Bu’uura gabatee yeroon Ministeerri Barnootaa ka’een qormaanni naannolee kutaa 8ffaa hanga Muddee 30 laatamee akka xumuramuu Ministeerichi beeksiseera.

Kanarratti hunda’ee biiroleen barnoota naannolee qaamolee dhimmi ilaallatuu waliin mari’achuun qophii barbaachisaa taasisuun qormaaticha daangaa yeroo qabameefitti gabatee yeroo ofii isaanii baasuun gara hojiitti gala jiraachuu  fi yeroo itti aanuutti kan hojiitti galan jiraachuu ibsameera.

Bu’uuruma kanaan naannoon Hararii Muddee 7 -9, naannoon Amaaraa Muddee 12-14 qormaaticha laachuuf qophii isaanii xumuruu beeksisaniiru.

Naannolee biroonis guyyoota itti aanaanitti guyyaa qormaanni itti laatamu kan ifoomsan ta’uu ragaan Ministeerichaarra arganne ni muul’dhisa.

Magaalaa Finfinneetti qormaanni naannoo kutaa 8ffaa kaleessa irraa eegalee laatamuu eegaluun isaa ni yaadatama.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.