Fana: At a Speed of Life!

Qubannaan bosona uumamaa keessatti babal’atee fala argachuu qaba – bulchaa Itti aanaan godina Arsii Lixaa

Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)- Qubannaan seeraan alaa bosona uumamaa keessatti babal’atee jiru bara 2014 guutummatti fala argachuu qaba jedhan bulchaa Itti aanaan godina Arsii Lixaa obbo Abdurahamaan Gammadaa.
Akka godina Arsii lixaatti sababa qubsumaafi daldala mukaa seeraan alaatiin ciramni bosonaa daran hammaachuu itti fufeera.
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, Bosonaafi Jijjiirama haala Qilleensaa godinichaa ciramni bosonaa kan hammaate qindoominni qaama dhimmi isa ilaallatuu dadhabaa ta’uu isaatiini jedha.
Bara 2014 keessa lafti bosonaa hundi daangeffamee qabiiyyeen isaa aanaa hamma godinaatti qindeeffamee kaawwamuu akka qabu bulchaa itti aanaan obbo Abdurahamaan Gammadaa kan dubbatan.
Waldaaleen bosona irratti gurmaa’uun bosona kunuunsuu dhiisanii dalgaan bosona gurguratanis sirreeffamni itti kennamuu akka qabu hubachiisan.
Bulchitoonni gandaa bosonni yoo ciramu cal’isanis ta’ee ofumaafuu gurguratan caasaarra taa’anii itti fufuu akka hin qabaanne akeekameera.
Guutuu godinichaatti bosonni uumamaa jiru akkaataa qubsuma gosa naannaa sana jiruun akka ilmoo gosa Arsiitti labsamee akka seerri itti ba’u akeekan.
Muuxannoon Qorkee Dawoo Sinqilleerratti bu’aa fide bosona irrattis akka raawwatamu abbootiin gadaafi haawwotiin siiqqee ga’ee duudhaan Oromoo kenneef akka ba’an gaafatan obbo Abdurahamaan.
Qabeenya uumamaa kunuunsuun imala badhaadhinaa haa milkeessunu jedhuun qaamolee nageenyaa, bulchitoota aanaalee, eegumsa naannoo, waldaalee bosona kunuunsanii fi Abbootii Gadaaf haawwotii Siiqqee hirmaachisuun egeree bosonaa irratti dubbiin qaacceffameera.
Geetaachoo Mula’ataatu gabaase
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.