Fana: At a Speed of Life!

Qullubbii diimaan kuntaalli 300 seeraan alaa biyya keessa galuuf ture to’annoo jala oole

Finfinnee, Fulbaana 11, 2012 (FBC)-Qullubbii diimaan kuntaalli 300 abbummaan isaa hin beekamne seeraan alaa biyya keessa galuuf ture to’anno jala oolu Komiishiniin Gumurukaa Ityoophiyaa damee buufata Matammaa Yoohannis beeksiseera.

Qullubbiichi Sudaanirraan gara Ityoophiyaa galuu wayita tureetti hojjettota buufatichan sakattoo taasifamen to’nnoo jala ooluu itti aanaa qindeessaa buufata Matammaa Yoohannis Komandaar Maskal Araggaaw turtii FBC waliin taasisaniin dubbataniiru.

Abbaa qullubii diimaa kana bara ga’uufis poolisiin qorannoo cimaa taasisa jiraachuu himaniiru.
Malaakuu Gaddaaftu gabaase

Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.