Fana: At a Speed of Life!

Qulqullinni buna Jimmaa gabaa gidduleessaaf dhiyaatu dabalaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 14, 2012 (FBC) – Qulqullinni buna Jimmaa gabaa giddu galeessaaf dhiyaatu yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuu Gabaan Oomisha Ityoophiyaa Damee Jimmaa beeksise.

Waggoottan muraasan dura bunni godinichaa sadarkaa 5ffaa fi 6ffaa irra turuu isaa itti gaafatamaan Gabaa Oomisha Ityoophiyaa Damee Jimmaa obbo Bayyanaa Alamaayyoo ibsaniiru.

Yeroo ammaatti garuu bunni godinichaa %20 sadarkaa 1ffaa, % 60 ammoo sadarkaa 2ffaa irratti ramadamuu danda’ee jira jedhaniiru.

Oomishni oomishamu waldaa hojii gamtaan iddoo tokkotti oomishamuun isaa sadarkaan qulqullina Bunaa akka dabaluuf qooda ba’ee jira jedhan obbo Bayyanaan.

Garaagarummaan gatii Buna sadarkaa 1ffaa, 2ffaa, fi 3ffaa gidduu jiru bal’achuu dhufuun isaa qonnaan bultoon waldaan ijaarramanii quqlullina isaa irratti akka xiyyeeffataniif dirqisiisee jira jedhan itti gaafatamich.

Bara kana akka godinichaatti Buna toonii kumni 5 fi 570 gabaa giddugaleessaf dhiyeessuuf hojjetamaa jiraachuus himameera.

Qonnaan bultoonni godinichaa 15 bara kana Buna isaanii kallattiin gabaa alaaf dhiyeessuu eegaluu isaanii itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa, Bunaa fi Qabeenya Uummamaa godinicha obbo Masfin Raggaasaa dubbachuu isaanii Muktaar Xahaatu gabaase

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.