Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa, Chaayinaa fi Afrikaan Kibbaa shaakalaa loltummaa eegalan

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)-Raashiyaan Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa shaakalaa loltummaa humna Galanaarraa eegalan.

Shaakalli loltummaa humna galanaarraa “Mosii Lama’’ jedhuun moggaafame kun Afrikaa Kibbaa, Garbaa Hinditti gaggeeffamuu eegaluun eerameera.

Sirna baniinsa shaakalicharratti Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa, Ajajaa Humna Galaanarraa Raashiyaa Nikoolay Yivimnoov fi qondaaltonni biyyoota kanneenii biroon argamaniiru.

Ajajaa Humna Galaanarraa Raashiyaa Nikoolay Yivimnoov haasawaa taasisaniin, hariiroon biyyoota sadeen gidduu jiru cimaa ta’uu mirkanneessaniiru.

Shaakalichi, nageenya Garboota Addunyaa mirkaneessuu fi yakkoota fi sodaa galana irraa dursaanii ittisuuf kan karoorfatee fi walta’iinsa humna galaanaa cimsuuf fedhiin biyyootaa kanneenii cimaa ta’uu kan argisiisudha jedhaniiru.

Afrikaan Kibba shaakalicharratti yoo xiqqaate miseensota humna galaanarra fi kanneen biroo 350 akka hirmachistu beeksisteetti.

Shaakkalli biyyoota kanneenii bara Faranjoota 2019 as yeroo 2ffaaf ta’uun eerameera.

Pireezidaanti Siriil Ramaafoosaa, Raayyaan Ittisaa Afrika Kibbaa qaamoolee nageenya biyyattii rakkoo keessaa galchan ittiisaa fi kabachiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Shaakalicharratti dooniiwwaan misaa’eel Hayiparsoonikii hidhatanii fi dooniiwwan loltummaa biroon hirmaachuu “Afrika News” gabaaseeraa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.