Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Chaayinaan ollaa gaarii fi michuu amanamoodha – Pireezidaanti Shii Jiinpiing

Finfinnee, Bitootessa11, 2015 (FBC) – Raashiyaa fi Chaayinaan ollaa gaarii fi michuu amanamoo ta’uu Pireezidaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing ibsan.

Pireezidaanti Shii Jiinpiing daawwannaa hojiif Raashiyaa Mooskoo galaniiru.

Pireezidaanti Shii Jiinpiing erga simannaan taasiifameeniin booda ibsa miidiyaaleef laataniin Raashiyaa fi Chaayinaan ollaa gaarii fi michuu amanamoo ta’uu eeraniiru.

Erga Waraanni Raashiyaa fi Yuukreen eegalee booda Raashiyaatti daawwannaa jalqabaa taasiisuu eeraniiru.

Daawwannichi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf qooda qabaachuu kaasaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii yeroo itti aanuu bu’aa qabeessaa fi tasgabbii qabu taasiisuuf daawwannaan kun faayidaa qabachuu dubbataniiru.

Pireezidaanti Shii Jiinpiing guyyoota sadiif Raashiyaatti daawwannaa hojii kan taasiisan ta’uu eerameera.

Maddi:-Al Jaziiraa

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.