Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaa fi Kuubaan hariiroo waloo cimsuuf waliigalan

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Raashiyaa fi Kuubaan hariiroo waloo cimsuuf waliigalaniiru.

Pireezidaantiin Kuubaa Miiguweel Diyaaz-Kaaneel Bermuudeez Raashiyaatti daawwaannaa hojii gaggeessaa jiru.

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiinii fi giti isaanii Kuubaa hariiroo waloo isaan gidduu cimsuuf kan mari’atan, Ameerikaan qofaa ishee biyyootarra qoqqobbiiwwan keessu gamtaan qolachuuf kan tumsu ta’uu eerameera.

Putiin, ummanni Kuubaa bilisummaa fi birmadummaa biyya isaanii kabachiisuuf qabsoo taasisan yeroo hunda kan deeggaran ta’uu ibsuu CGTN gabaaseera.

Gama kamiinuu, qoqqobbii Kuubaarra kaa’amus ta’e uggura kan mormitu ta’uu ibsan.

Kanaan duras waltajjiiwwaan addunyaarratti Kuubaa cinaa akka dhaabbatan marii isaaniirratti waadaa galaniiru.

Pireezidaantiin Kuubaa Miigu’eel Diyaaz Kaanel Bermuudeez, Raashiyaan biyya isaanii waliin dhimmoota hedduurratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf tattaaffii taasiftu fi gahee addadurummaa ishee dinqisiifataniiru.

Kuubaan Raashiyaa waliin hariiroo qabdu cimsuu akka barbaaddu fi Raashiyaan yeroo maraa Kuubaarraa amantaa akka qabaattu ibsaniiru.

Ameerikaan qoqqobbii Mooskoorra keesses balaaleffataniiru.

Biyyoonni lameen marii isaaniin michummaa isaanii walamantaa fi bu’uura cimee itti fufuu akka qabu waliigalteerraa ga’aniiru jedhame.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.