Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan dhiibbaa fi sossobbii Ameerikaaf harka kan hin laanne ta’uu ibsite

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC) – Raashiyaan dhiibbaa fi sossobbii Ameerikaaf harka kan hin laanne ta’uu Ittaanaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa biyyattii Sergeey  Royaabkoov ibsan.

Marii nageenyaa biyyoota lemeenii Baatii Amajjii magaalaa Jeeneevaatti gaggeeffamu ilaalchisee Raashiyaan dhiibbaa jala jiraattee waliigaltee kamiiniyyuu kan hin taasifne ta’uu ibsaniiru.

Dhiibbaa fi doorsisa biyyootni lixaa irra deddeebiin Raashiyaarraan ga’aniin dhiibamanii waliigalteen taasifamu kan hin jirre ta’uu fi waliigalteen sababoota kanaan uumamuu danda’an fedhii nageenya Raashiyaa yaaddoo keessa kan galchan ta’uu eeraniiru.

Maricharratti ejjennoon Mooskoo balbalinni NATO akka dhaabbatuu fi naannoo daangaa Raashiyaa meeshaaleen waraanaa akka hin seenne taasisuu ta’uu kaasaniiru.

Walga’iin dhimma nageenyaa NATO- Raashiyaa Amajjii 12, 2014 Biraaselsitti Amajjii 13, 2014 ammoo Veeyinaatti gaggeeffamaa jedhamee beellamni qabameera.

Maddi:- Ispuutinik

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.