Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan tokkummaa biyyaalessaa Ityoophiyaa kan deeggartu ta’uu ibsite

Finfinnee, Amajjii 26, 2015(FBC)- Raashiyaan tokkummaa biyyaalessaa Ityoophiyaa kan deeggartu ta’uu ibsiteetti.

Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagar Paarlaamaa Raashiyaatti Hogganaa Mana Maree Tumsa Raashiyaafi Afrikaa Niikoolaay Nooviichikoov waliin mari’atan.

Raashiyaan akkuma kaleessaa tokkummaa biyyaalessaa Ityoophiyaa deeggaruuf Ityoophiyaa cinaa kan dhaabbattu ta’uufi ejjennoon ishee kan hin jijjiiramne ta’uu Niikoolaay Nooviichikoov ibsaniiru.

Kana malees Raashiyaan sochiilee siyaasaa, diinagdeefi hawaasummaa Ityoophiyaa dhiyeenyatti kan hordoftu ta’uu eeruun, Ityoophiyaan haala biyyoota hedduuf fakkeenya ta’uu danda’uun rakkoo kaaba biyyattiitti mudatee ture furuun ishee kan dinqisiifatamu ta’uu kaasaniiru.

Obbo Aganyahu Tashaagar gamasaaniin, Ityoophiyaan rakkoo kaaba biyyattiitti uumamee ture furuuf qajeeltoo rakkoo Afrikaaf furmaata Afrikaa jedhu fayyadamuu ibsaniiru.

Sochii diinagdee Ityoophiyaarratti abbootiin qabeenyaa Raashiyaa akka hirmaatan waamicha dhiyeessuus ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.