Fana: At a Speed of Life!

raawwii labsii yeroo ariifachisaa ciimsuudhaan itti gaafatamuummaaf akka toluutti foyyeessuu qabna jedhan – aadde Adaanech

Finfinnee, Caamsaa 15, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa Fedeeralaa aadde Adaanech Abeebee raawwii labsii yeroo ariifachisaa ciimsuudhaan itti gaafatamuummaaf akka toluutti foyyeessuu qabna jedhan.

Weerarri vaayirasii koroonaa yeroo cimaa jiru kanatti raawwii labsii yeroo ariifaachisaa ciimsuudhaan Itti gaafatamuummaaf bifa toluun foyyeessuun akka barbaachisuu Abbaan Alangaa Waligalaa Feederalaa beeksise.

 

Abbaan Alangaa Waliigalaa Fedeeraalaa aadde Adaanech Abeebee labsii yeroo ariifaachisaa ilaalchisee akka ibsanitti raawwiin labsii yeroo ariifaachiisaa yeroodhaa yerootti bifa adda ta’en fooyya’uudhaan vaayrasiin koroonaa akka hin babal’anneef gahe mata isa taphacha jira.

 

Haata’uti, yeroo amma kana vaayrasiin koroonaa naannoolee biyyatti garagaraatti mul’achaa waan jirufi namoota seenaa imalaa biyyaa alaa fi tuttuuqaa hin qabne irratti mul’achuun xiyyeeffannaan kennamee ciimsuu akka qabnu kan agarsiisuu dha jedhan.

 

Kanaaf seerota labsii yeroo ariifaachisaa irrratti ta’ani jiran hojii irraa akka oolanif hordoofutu nurraa eegama jedhan.

 

Keesumayyuu Geejibaa fi wiirtuulee biroo irratti seera labsii yeroo ariifaachiisaa haala gaariidhaan hojiirraa olchuu akka dandessisuuf bifa toluun labsiichaa ilaaluu akka qabnu mari’annee jirra jedhan.

 

Akka gabaasa Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti labsii kana hubatani hojii irraa olchuufis ta’e olchiisisuudhaf rakkooleen mudachu danda’u kan jedhan Abbaan Alangaa Waligalaa Feederalaa, dhoorkii qamoolee labsiichi hojii irraa akka oluu taasisan dhoorkaniif lubbuu lammiilee baraaruuf akka ta’e hubatani seerota bahan hojii irraa akka olchuu qabanis hubachisaniru.

 

Keesumattu haguuggii afaani fi fuunyaani kewwachuu fi kewwaachuu dhiisuu ilaalchisee komii namoonni to’annoo jala olaa jiru jedhuun walqabsisani namni iddoo namni baay’atuu qofatti osoo hin ta’in essummattuu yoo kewwaate ni fayyadama malee hin midhamu jedhan.

Kanaan alatti seera kabachiisaan hojii hin barbaachifnee hojjatuu yoo jiraatee eeruu kennuudhaan jireenya lammiilee fi malaamaltummaa balleessuuf mootummaa cinaa dhaabbachuudhan akka hojjatan waamichaa dhiyyeessaniru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.