Fana: At a Speed of Life!

Raawwii sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaarratti mari’atame

Finfinnee, Sadaasa 20, 2015 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa sagantaa fooyya’iinsa diinagdee biyya keessaa 2ffaa caalmaatti haala bu’aa qabeessa taasiisuun danda’amurratti Ministeera Qonnaa fi Albuudaa waliin marii taasiiseera.

Bu’aawwan waggoottaan sadan darban damee qonnaa, Jallisii, Ashaaraa magariisaa fi Albuudaan argame oomishaaleen biroon dabalamuu akka qabu marichaan ka’eera.

Wabii nyaataa mirkaneessuu fi gabaa alaaf dhiyeessuun dabalataan akaakuun oomisha biroo babal’achuu akka qabus ka’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umar Huseen, Ministirri Ministeera Albuudaa Injiinar Taakkalaa Uumaa fi Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi bu’aalee dameewwan kanneeniin argaman dameewwan biroon haala dabaluun danda’amurratti mari’ataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.