Fana: At a Speed of Life!

Raawwiin hojii seektaroota mootummaa naannoo Oromiyaa gamaaggamamaa jira

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Gamaaggamni raawwii hojii seektaroota mootummaa naannoo Oromiyaa kan ji’a jahaa Waajjira Preezidaantiitti gaggeeffamaa jira.

Gamaggama raawwii hojii kanarratti itti aanaan preezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa dabalatee hoggansi seektaroota mootummaa naannichaa argamaniiru.

Gabaasa raawwii hojii ji’a jahaa kanaan kan kilaastaroota baadiyyaa, magaalaa, hawaasummaa ni dhaggeeffatama.

Hanqinootaa fi ciminoota jiran adda baasuun kallattiif gara fuula duraa ni kaa’amaan eegama.

Gabaasni kilaastara baadiyaa sadarkaa itti aanaa preezidaantiitti itti gaafatamaa kilaastara baadiyaa Dr Girmaa Amanteetin dhiyaachaa jira.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.