Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa biyya diigamuurraa baraareera- Leetenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa wareegama kaffaleen uummata balaarraa biyya ammoo diigamuurraa baraareera jedhan ajajaa olaanaan ajaja Bahaa Leetenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaan.

Leetenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaan hoggantoota olaanoo fi giddugaleessaa ajaja Bahaa waliin mari’ataniiru.

Raayyaa Ittisa Biyyaatti ajajni Bahaa waregama kaffaluun garee shorokeessitootaa ABUT fi Shanee barbadeessuun balaa birmadummaa uummatarratti aggaamamee ture hambisuun birmadummaa isaa gonfachiisuu maricharratti ibsaniiru.

Qabsoo gaggeeffameen biyya diigumsarraa baraaruun danda’amuu kaasaniiru.

deegarsa hunda galeessa Uummanni Raayyaa ittisa biyyaa cinaa hiriiruun taasise madda injifannoo isa olaanaa ta’uu eeraniiru.

Fuuldurattis garee shororkeessaa ABUT hanga dhumaatti dhabamsiisuuf qophaa’ummaa keenya cimsuu, ciminoota waraanarratti mul’atan guddisuu fi dogoggoroota mul’atan soroorssuun dirqama nutti laatamuuf qophaa’uu qabna jechuu ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.