Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI ajaja dabalataa lama hundeesse

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI ajaja dabalataa lama hundeesse.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa FDRI ajaja dabalataa lama hundeessuu beeksise.

Ajajoonni haaraan hundaa’aan bara kana gara hojiitti akka galan Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI ibseera.

Eetaamaajoorrin Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammadii fi itti aanaan Eetaamaajooraa Jeneraal Biraanuu Julaa miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Eetaamaajoorroonni Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI hojiiwwan jijjiiramaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI, ijaarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa, halaa wayitawaa fi nageenyaa irratti ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin Raayyaan Ittisaa Biyyaa FDRI ajaja dabalataa lama hundeessuu eeraniiru.
Ajajoonni hundaa’an kun miidhaa keessaa fi alaa saffisaan ittisuuf yaadamee kan hundaa’edha jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.