Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa hidhattoota Alshabaab 9 ajjeese

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2013 (FBC)- Somaaliyaatti Humni Nageenyaa kabachiisuu Gamtaa Afrikaa jalatti kan argamuu Raayyaa Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa garee Alshabaab irratti tarkaanfii fudhateen hidhattoota 9 ajjeeseera.
Somaaliyaatti Alshabaab kaampii raayyaa ittisa biyyarratti haleella qabsisuuf qophii taasisaa kan ture yoo ta’u, kan tarkaanfii irratti fudhatamee 9 dabalatee 11 ol ammoo mada’aaniiru jedhame.
Naannoo Baay bulchiinsa magaalaa Kaasaahidaaritti itti aanaan Komishinarri nageenyaa Mahaamaad Muktaar Gamtaa Afrikaatti erga nageenyaa kabachiisuu jalatti kan argamu Raayyaan Ittisa Biyyaa Ityoophiyaa tarkaanficha fudhachuu ibsaniiru.
Komishinarichi raayyaan ittisa biyya Ityoophiyaa Alshabaab irratti tarkaanfii fudhachuun isaa kan isaan gammachiisee ta’uu himaniiru.
Maddi:- Miidil Istii Moonitarii fi Gaarowee
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.