Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisa Biyyaa tokkummaa keessoo isaa cimsuu qaba- Jeneraal Baacaa Dabalee

Finfinnee, Amajjii 23, 2014 (FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa tokkummaa keessoo isaa cimsuu akka qabu Qindeessaan ijaarsa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Baacaa Dabalee ibsan.

Jeneraal Baacaan kana kan jedhan wayita Miseensota  Raayyaa Ittisa Biyyaatti turtii isaanii xumuranii fi raawwii gaarii galmeessisaniif guddina sadarkaa laatanitti ta’uu ibsameera.

Miseensonni raayyichaa oduu farreen nageenyaa biyya keessaa fi alaa Raayyaa Ittisa Biyyaa sanyummaa fi amantaan addaan qooduuf gama miidiyaatiin facaasan dhaga’uun  tokkummaa keessoo keenyaa diiguu hin qabnu jedhaniiru.

Kaayyoon raayyaa ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuu fi nageenya ishee eeguu akka ta’e kaasaniiru.

Hojiin mahaandisaa ulfaataa ta’uu fi badhaasni meedaaliyaa fi biroo har’a argatan bu’aa raawwii dirqama keessaniiti jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.