Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan Ittisaa akka loltuu idilee fi ammaayyaatti birmadummaa fi daangaa Ityoophiyaa eegsisuuf ga’umsa guutuu qaba-Koloneel Geetinnat Adaanee

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2014 (FBC) – Raayyaan ittisaa akka shiftaatti utuu hintaane akka loltuu idilee fi ammayyaa’aatti ifatti kan labsamee fi beekame, naannawaa Ityoophiyaa humnaan qabaman keessaa baasuun Birmadummaa fi daangaa Ityoophiyaa kabachiisuuf ga’umsa guutuu qabaachuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa ibse.

Ministeerri Ittisa Biyyaa dhimma naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanirratti ibsa kenneera.

Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Ministeerichaa Koloneel Geetinnat Adaanee ibsa miidiyaaleef kennaniin, tibbana humnoonni loltummaa Sudaan miseensotaa fi hoggantootaa Ityoophiyaa ganaan waliin qindaa’uun, shororkeessitoonnii fi loltoonnii yeroo garaagaraa daangaa Ityoophiyaa ce’uun seenanii, milishootaa fi jiraattoota naannawaarratti haleellaa raawwataniiru jedhan.

Haleellichaanis gama lameenirra miidhaan ga’uu ibsan.

Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa bakka hinjirretti humni loltummaa Sudaan dursee himataa ta’uu eeranii, Raayyaan Ittisaa Ityoophiya loltoota Sudaanii fi siviilotaa akka ajjeesetti, booji’amtootas kabaja dhorkachuu eeruu fi haaloo ba’uuf tarkaanfii akka fudhatu ibsa dhaadannoo baasuu himaniiru.

Raayyaan Ittisaa Ityoophiyaa, yoo ajajame dirqama kan bahatu ta’us naannawichaa kan hinturree fi booji’amtoonni qabe jiraachuu baatanis utuu booji’ees seeraan qofa utuu hintaane haamilee Ityoophiyummaan, qabaa kabaja booji’amtootaa kan itti beekuudha jedhan Koloneel Geetinnat.

Humnoota loltootummaa Sudaan kan dogoggorse humna shororkeessaa yoo ta’e, kana boodaa dogoggoraa walfakkaataa akka hinhojjenne gorsina kan jedhan Koloneel Geetinnat, Raayyaan ittisaa akka shiftaatti utuu hintaane akka loltuu idilee fi ammayyaa’aatti birmadummaa fi daangaa Ityoophiyaa kabachiisuuf ga’umsaa guutuu qabaachuu himaniiru.

Ammas taanaan, filmaataa karaa nagaan adeemamaa jira jedhanii, nageenya waaraaf Raayyaan Ittisa Biyyaa, qaama dhimma tibbana naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanitti mudate qulqulleessuu fi qorachuu fedhuuf tumsa barbaachisaa taasisuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Taarikuu Laggasaatu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.