Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan ittisaa maarch baandii fi heelikooftaraan vaayrasii koroonaarratti hojii hubannoo uumuu hojjechuufi

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI magaalaa Finfinneetti maarch baandii fi heelikooftaraan dabaalamuun waa’ee vaayrasii koroonaarratti hojii hubannoo uumuu hojjechuufi.
 
Hojiin hubannaa uumuu kun booru kan hojjetamu yammuu ta’u, waraqaaleen barreeffamoota hubannaa dabalan qaban helikooftaraan ni raabsamu.
 
Maarch Baandiin Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI 6 Kiilodhaa amma Addabaaba’ii Masqalaatti hojii hubannaa uumuu ni hojjeta.
 
Jiraattonni magaalaa Finfinneetis osoo hin rifatin hubannaa kennamuu fi qajeelfama ba’u hojiirra akka oolchan dhaamameera.
 
 
 
Aksuumaawiit G/hiywat
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.