Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo bulchiinsa gaarii magaalotaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba – Preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Rakkoo bulchiinsa gaarii magaalotaatti muula’atan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dubbatan.
 
Fooramiin magaalootaa bara kanaa mata duree ‘magaalootaa fi nageenya’ jedhuun magaalaa Aarbaa Mincitti gaggeeffamaa jira.
 
Preezdaant Saahilawarqi fooramii nagaanya magaaloota magaalaa Aarbaa Minci irratti argamaniiru.
 
Preezdaant Saahilawarqi magaalotaatti hojii dhabdummaan akka babal’atuuf rakkoon bulchiinsa gaarii isa olaanaadha jedhan haasawa saganticharratti taasisaniin.
 
Haqummaa fi itti gaafatamummaa magaaloota keessatti hir’ateera jedhan.
 
Rakkoolee kanneen furuuf hawaasa waliin ifatti marii taasiisuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
 
Nageenyi magaalotaa misooma biyyattiif gumaacha olaanaa waan qabuuf imaammataan deeggaramuu akka qabu himaniiru.
 
Sagantaa Ministeerri Misooma magaalaa fi Koonistiraakshinii qopheesse kanarratti Ministiroonni, hooggantoonni Biiroolee Misooma magaalaa fi Koonistiraakshinii fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu argamniiru.
 
Fooramicharrati barreeffamni ‘Nageenyi magaalotaa diinagdee biyyaaf gumaacha qaba’ jedhuun qophaa’e dhiyaachuun irratti mari’atameera.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.