Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo dhiyeessii fi raabsaa oomishaaleerratti muul’atu furuuf mari’atame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2012 (FBC) – Daldaltoonni ummata cinaa akka dhaabbatan waamichi dhiyaate.
 
Rakkoo dhiyeessii fi raabsaa oomishaaleerratti muul’atu furuuf Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii FDRI fi Biiroon Daldalaa Finfinnee mari’ataniiru.
 
Maricharratti oomishtoonni, dhiyeessitoonnii fi raabsitoonnis hirmaataniiru.
 
Ministirri ministeerichaa obbo Malaakuu Aallabalii fi hoggansi Biiroo Daldalaa Finfinnees hirmaataniiru.
 
Hawaasni daldalaa bu’aa hin malle argachuurra lammii fi biyya ilaalcha keessa galchuun qaqqabamummaarratti hojjechuu qabus jedhameera.
 
Daldaltoota daballii gatii hin malle taasisanirratti tarkaanfiin fudhatamaa turuu fi ammas cimee kan itti fufu ta’uun ibsameera.
 
Tizzitaa Dassaalanyitu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.