Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo diinagdee fi hoji dhabdummaa hiikuuf, rakkoowwan seektarootaa adda baafamaa jira- obbo Shimallis

Rakkoo diinagdee fi hoji dhabdummaa hiikuuf, rakkoowwan seektarootaa adda baafamaa jira- obbo Shimallis

Finfinnee, Gurraandhala 6, 2012 (FBC) – Rakkoo diinagdee fi hoji dhabdummaa hiikuuf, rakkoowwan seektarootaa adda baasuun murteessadha jedhan itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis kana kan jedhan rakkoo damee invastimantii naannoo Oromiyaa hiikuuf waltajjii Hoteela Ililliitti mari’atamerratti.

Waltajjicharratti abbootii qabeenyaa waliin mari’atameera.

Waltajjii marii kanarratti itti aanaa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo argamaniiru.

Obbo Shimallis rakkoo damichaa furuuf Biig Wiin waliin hojjetamaa jira jedhan.

Hojiilee invastimantii harkifatan ariitidhaan gara hojiitti galchuu fi invastaroota haaraa biyya keessaa fi biyya alaa hawwachuuf rakkoowwan jiran adda baasuun furmaata kennaa deemuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Hanga har’aatti rakkoowwan seektaroota 66 adda kan ba’e yoo ta’u, hojiin kunis kan itti fufu ta’a jedhameera.

Rakkoolee walfakkaataa furuu fi damicha jajjabeessuuf ammoo ga’een seektarri dhuunfaa murteessadha jechuu isaanii Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa odeeffanneerra.

Rakkoowwan qoratamanii adda ba’an hiikuun, gara badhaadhinaatti cee’uf ammoo sirni diriiruu akka qabu eeraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.