Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo nageenyaa godina Matakkaliti muudatee ture waaraan furuuf mariin gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Rakkoo nageenyaa naannoo Beenishaanguul Guumz godina Matakkalitti muudatee ture waaraan furuuf mariin gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.
 
Maricharrtti Preenzaantii naannoo Beenishaaniguul Guumz obbo Ashaadilii Hasan dabalatee hooggantoonni Paarii Badhaadhinaa Federaalaa fi naannoo argamuu ibsameera.
 
Dabalataan bakka buutoonni jaarsoolii biyyaa, dargaggootaa fi dubartootaa magaalaa Galgal Balasii fi aanaa Maanduraa gandoota hundarraa walitti babba’an marii kanarratti argamaniiru.
 
Rakkoo nageenyaa tibba darbe godinichatti muudate waaraan furuuf hawaasni duudhaalee tokkummaa fi waliin jireenyaa qabu akka cimsuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu obbo Ashaadiliin ibsaniiru.
 
Akka waajjirri dhimmoota koominikeeshinii mootummaa godina Matakkal beeksisetti, walitti bu’iinsa irra deddeebiin uumamuun lubbuu lammiilee fi qabeenya gaaga’aa jiru hundeerraa furuuf aanaalee godinichaa hunda keessatti mariin ummataa gaggeeffamaa jira.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.