Fana: At a Speed of Life!

Rakkoo tasgabbii aanaa addaa Burjii furuuf Oromiyaa waliin hojjetamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 27, 2012 (FBC) – Rakkoo tasgabbii aanaa addaa Burjii furuuf naannoo Oromiyaa waliin tumsaan hojjetamaa jira.
 
Itti aanaan preezdaantii naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw bakka buutota aanaa addaa Burjii waliin mari’ataniiru.
 
Hoospitaala Burjii ijaarsisaa eegalamee dhaabbate daawwachuun booda bakka buutota ummataa waliin mari’ataniiru.
 
Jiraattonni aanichaa maricharratti hirmaatan rakkoo sodaa nageenyaa kan qaban ta’uu eeraniiru.
Daangaa naannoo Oromiyaarratti humnootiin hidhatanii socho’an sodaa nutti ta’aniirunis ibsaniiru.
 
Aanichi gara godinaatti akka guddatu, daandiin qunnamsiistuu akka ijaarramu, bu’uuraaleen misooamaa akka guutamaniif, rakkoon nageenyaa akka furamuuf gaafataniiru.
 
Obbo Ristuun rakkoo nageenyaa mudatu naannoo Oromiyaa waliin furuuf ni hojjetama jechuu isaanii Biiroon Dhimmoota Koominikeeshiniin naannoo Kibbaa beeksiseera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.