Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee damee fayyaa furuuf qaamoleen hundi itti gaafatamummaan hojjechuu qabu- Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014(FBC)- Rakkoolee damee fayyaa furuufi bara 2015tti raawwii gaarii galmeessisuuf qaamoleen hundi itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan hubachiisan.

Marii karoora bara 2015 ministeerichaarratti argamuun haasawaa taasisaniin, karoorri bara baajataa itti aanuu riifoormii gaggeeffame hordofee karoorfamuu Dooktar Liyaan ibsaniiru.

Hordoffiifi to’annoo mootummaan damee fayyaa irratti taasisu dabalaa dhufuu eeruun, bara baajataa haaraatti baajatni mootummaan damichaaf ramade kan bara darbeerra guddachuu kaasaniiru.

Deeggarsi qaamoleen deeggartootaa taasisan hir’isuu ibsuun, baajata dhimmoota rakkoo furan irra oolchuun barbaachisaa ta’uu addeessaniiru.

Mariin Karoora baajataa bara 2015 ministeerichaa irratti magaalaa Arbaa Minicitti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.