Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee dhaabbilee Paarkoota Indaastirii muudatan furuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2014 (FBC) – Rakkoolee dhaabbilee Paarkoota Indaastirii muudatan furuuf haala dandeessissurratti mariin gaggeeffameera.
Maricharrtti Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Dooktar Iyyoob Takkaalinyi, Hojii gaggeessaa olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkoota Indaastirii obbo Saandookaan Dabbabaa dabalatee hoggantoonni Paarkoota Indaastirii fi abbootiin qabeenyaa argamaniiru jedhame.
Marichi rakkoolee Misooma Paarkoota Indaastirii muudatan adda baasuun furmaata laachuuf kan dandeessisu ta’uu Dooktar Iyyoob ibsaniiru.
Mariin gaggeefame rakkoolee abbootii qabeenyaa muuadataa jiran adda baasuun furmaata waaraa laachuuf qooda olaanaa kan qabu ta’uu Hojii gaggeessaa olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkoota Indaastirii obbo Saandookaan Dabbabaa himaniiru.
Olola sobaan osoo hin burjaaja’in haala kamiiyyuu keessatti mootummaa fi ummata Ityoophiyaa cinaa kan dhaabatan ta’uu abbootiin qabeenyaa maricharratti hirmaatan himuu isaanii ragaan Korporeeshinii Misooma Paarkoota Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.