Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee indaastirii damee gogaa mudataa jiru furuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Rakkoolee indaastirii damee gogaa mudataa jiru furuuf imaammata mootummaa fooyyessuu dabalatee hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii abbootii qabeenyaa damee gogaa fi bu’aa gogaa irratti bobba’an waliin mari’ateera.

Rakkoolee indaastirii damee gogaa mudataa jiru furuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiraachuu ministir deettaan damee aagroo proosasiingii fi faarmaasiyuutikaalii Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Takkaa Gabrayyasuus dubbataniiru.

Gibira gogaarra kaa’amee ture % 50 kan kaasu qajeelfamni qophaa’e tibbana hojiirra ooluu isaa dubbataniiru.

Kaayyon qajeelfamichaa abbootii qabeenyaa biyya keessaa abbootii qabeenyaa alaa waliin walitti hidhuun walqixa fayyadamoo taasisuuf akka ta’e ibsaniiru.

Biyyattiinis damicha irraa bu’aa argachuu qabdu akka argattuuf qajeelfama ba’eedha jedhan obbo Takkaan.

Yaa ta’uutii qajeelfamichi abbootii qabeenyaa biyya alaa oomisha gogaa irratti bobba’aniif sodaa ta’uun isaa kan hin oolle akka ta’e hubachiisaniiru.

Abbootiin qabeenyaa biyya alaas gama isaaniin qajeelfamichi qophaa’uu isaa hordofee hanqinni dhiyeessii fi daballiin gatii hammaa olii akka hin uummamneef hojjetamuu qaba jechuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’sa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.