Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee kenniinsa tajaajila Inshuraansii fayyaa hawaasaa furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Dooktar Darajjee Dhugumaa

Finfinnee, Amajjii 8, 2015(FBC)- Rakkoolee kenniinsa tajaajila Inshuraansii fayyaa hawaasaa irratti mul’atan furuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa ibsan.

Waltajjiin sosochii Inshuraansii fayyaa hawaasaa naannoo Ummattoota Kibbaa Magaalaa Arbaamichitti gaggeeffameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan haasawaa saganticharratti taasisaniin, Sagantaa inshuraansii fayyaa hawaasaa karaa haqa qabeessa ta’een lammiilee hunda biraan gahuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Komiiwwan dhiyeessii qorichaa, naamusa ogummaafi hojimaata badaa irratti miseensota inshuraansii fayyaa hawaasaa irraa irra deddeebiin dhiyaachaa jiran furuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Daarektarri Olaantuun Inshuraansii fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Aadde Fireewoot Abbabaa gama isaaniin, biyyattii keessatti hojiilee waggoottan 10’n darban keessa hojjetamaniin dhaqqabummaan tajaajila Inshuraansii fayyaa hawaasaa %90 irra gahuu ibsuu TOI gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.