Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon Afrikaanotaa furmaataa fi fala Afrikaa argachuu qaba- preezdaantii Aljeeriyaa

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2012 (FBC) – Rakkoon Afrikaanotaa furmaataa fi fala Afrikaa argachuu qaba jedhan preezdaantiin Aljeeriyaa Abdalmaadiid Taboonii.
 
Preezdaantichi Aljeeriyaatti ergamaa addaa FDRI fi ambaasaaddara guutuu Ityoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turanii fi amma yeroo isaanii kan fixatan Ambaasaaddar Amiin Abdulqaadir simatanii wayita gaggeessanitti waliin mari’ataniiru.
 
Ambaasaaddar Amiin Abdulqaadir dhimma Hidha Haaromsaarratti sadarkaa mariin Ityoophiyaa, Sudaanii fi Gibts irra jirurratti ibsa laataniiru.
 
Preezdaantichi Ityoophiyaan bishaan laga Naayil misoomsuu fi biyyoota yaa’a gadaanu keessa jiran osoo hin miidhin fayyadamuuf of eeggannaa taasisaa jirtu ija gaaridhaan kan ilaalan ta’uu beeksisaniiru.
 
Marii fayyadamtummaarratti yaadolii ka’anii fi walfalmii mudatuuf furmaataa fi fala Afrikaanotaa laachuun akka barbaachisus kaasaniiru.
 
Dhimmi fayyadamtummaa kunis fala Afrikaanotaa akka argatu dura taa’aa Koomiishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii Mahaammatii fi dura taa’aa yeroo yaa’ichaa kan ta’an preezdaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamafoosaa waliin irratti mari’achuu isaaniis ibsaniiru.
 
Preezdaantiin Aljeeriyaa Abdalmaadiid Tabooniin hariiroon biyya isaanii fi Ityoophiyaa akka cimu, hidhanni diinagdee akka jabaatu balaliin xiyyaaraa kallattiin akka gudatu kan hojjetan ta’uu beeksisaniiru.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.