Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon geejjibaa saffisaan furmaata yoo hin arganne adeemsi filannoo gufachuu danda’a – Boordii Filannoo

Finfinnee, Gurraandhala 16, 2013 (FBC) – Meeshaalee Filannoo imalchiisuuf rakkoon geejjibaa jiru saffisaan furmaata yoo hin arganne adeemsi filannoo gufachuu akka danda’u Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ibse.

Boordichi godina Matakkal aanaalee hunda keessatti waajjirri buufata filannoo naannoo banamuu beeksiiseera.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiywa galmee filattootaa, raabsa meeshaalee filannoo fi dhimmoota biroorratti har’a hoggantoota paartilee Siyaasaa waliin mari’ataniiru.

Boordichi galmee kaadhimamtootaa, filattootaa, qophii buufataalee filannoo fi raabsa meeshaalee filannoo ilaalchisee paartileef ibsa taasiiseera.

Adeemsa filannoo sirnaan raawwachuuf mootummaan deeggarsa barbaachisu taasiisuu akka qabu walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Ityoophiyaa Burtukaan Miidhagsaan ibsaniiru.

Meeshaalee Filannoo imalchiusuuf rakkoon geejjibaa jiru saffisaan furmaata yoo hin arganne adeemsi filannoo gufachuu akka danda’u yaadachiisaniiru.

Boordichi naannoo filannoo 663 banuun meeshaalee filannoo imalchiisaa kan jiru yoo ta’u, yeroo itti aanu buufataalee filannoo kuma 50 banuuf hojjechaa jiraachuu beeksiiseera.

Godinni Matakkal rakkoo nageenyaa hammaataa keessa jiraatuus Komaand poostii waliin qindaa’uun aanaalee hunda keessatti waajjirri naannoo filannoo banamuu ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.