Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon nageenyaa Hararitti mudate tumsa ummataatin to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Naannoo Hararii beeksise

Finfinnee, Amajjii 12, 2012 (FBC) – Rakkoon nageenyaa magaalaa Hararitti mudate tumsa ummataatin to’atamuu Koomiishiniin Poolisii Naannoo Hararii beeksise.
 
Koomiishinarri koomiishinichaa Ramadaan Umar ibsa laataniin akka beeksisanitti, rakkoon nageenyaa ayyaana Cuuphaa waliin walqabatee ka’e to’atameera.
 
Akka ibsa isaanitti rakkoon Amajjii 10,2012 eegalee gartuun walfoo’uun uumame tumsa caasaa nageenyaa fi hawaasatiin to’atameera.
 
Walitti bu’iinsa uumameen namoota 4 fi caasaa nageenyaa 15rra miidhaan qaamaa salphaan qaqqabeera.
 
Qabeenyarras miidhaan qaqqabuu ibsaniiru.
 
Qaamolee rakkoo uuman adda baasuun hojiin qulqulleessuu fi tarkaanfii seeraa fudhachuu hojjetamaa akka jiru koomiishinarichi eeraniiru.
 
Amma ammaattis namoonni shakkaman 20 to’atamaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.