Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon nageenyaa Matakkalitti mudatee ture Hidha Haaromsaa Guddichaaf sodaa hin ta’u jedhame

Finfinnee, Amajjii 23, 2013 (FBC)- Rakkoon nageenyaa Matakkalitti mudatee ture ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaaf sodaa akka hin taanee koreen qinda’aa godinicha beeksise.
Ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf meeshaalee barbaachisan yeroo kamittuu qaqqabuu akka danda’aanif nageenyii amansiisaan jiraachuu mirkana’eera.
Garee shiftaa godinichatti jiraattootaa nagaa aanoolee Bulaanii fi Dabaaxxeerratti ajjeechaa fi buqqa’iinsaa qaqqabsiiseen rakkoo nageenyaa mudachuun isaa ni yaadatama.
Rakkoo nageenyaa mudatee waaraan furuu fi godinicha nageenyaa duraan tureetti deebisuuf mootummaa federalaatiin koreen akka hundaa’uu taasifameera.
Iddoowwan walitti bu’iinsi muudatee fi mudachuu ni danda’uu jedhamanitti nageenyii waarawaan bu’uu danda’eera jedhamee.
Korichi hidha haaromsaa guddichaa dabalatee aanolee godinichaa daawwachuun hawaasaa fi hojjeettota hidhichaa waliin mari’ateera.
Hojii damee olaantummaa seeraa hoogganaa kan jiran Letenaal Jeneraal Asiraat Denneroo fi miseensoonni korichaa hidha haaromsaa guddichaa daawwataniiru.
Letenaal Jeneraal Asiraat Denneroo akka ibsanitti, ijaarsi hidha haaromsichaa wayita eegaluurra eegalee nageenyii isaa itti yaadamee raayyaa ittisaa biyyaa fi miseensii poolisii gurmaa’eera jedhan.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.