Fana: At a Speed of Life!

Rakkoon nageenyaa Sudaan keessatti muudate karaa nagaan akka furamuuf mootummaan Ityoophiyaa waamicha dhiyeesse

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Rakkoon nageenyaa Sudaan keessatti muudate giddugaltummaa tokko malee karaa nagaan akka furamuuf mootummaan Ityoophiyaa waamicha dhiyeesseera.

Mootummaan Ityoophiyaa haala waqtaawaa Sudaan ilaalchisee ibsa laateera.

Mootummaan Ityoophiyaa jeequmsa Sudaan keessatti muudate itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen himeera.

Uummata biyyoota lamaanii gidduu hariiroon cimaan baroota dheeraa obbalaa’ummaarraa madde  jiraachuu kaaseera.

Mootummaan Ityoophiyaa Sudaanitti Siiviilii fi humni waraanaa waliin ta’uun mootummaa ce’umsaa akka hundeessanii fi sanadni mootummaan akka ragga’uu qooda olaanaa kan taphataa ture ta’uu yaadachiiseera.

Mootummaan Ityoophiyaa jeequmsi biyyattiitti yeroo ammaa muudate karaa nagaan akka furamu qaamni hundi tattaaffii akka taasiisu waamicha dhiyeesseera.

Mootummaan ce’umsaa Sudaanii fi biyyattiin ce’umsa gara Diimookiraasiitti taasiiftu akka kabajamu mootummaan Ityoophiyaan cimsee kan deeggaru ta’uu himeera.

Ityoophiyaan fedhiin birmadummaa ummata Sudaan akka kabajamuu fi qaamoleen alaa dhimma keessoo Sudaan keessa seenuu akka hin qabne kan deeggartu ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa FDRI ibsa baaseen himeera.

Ummanni Sudaan rakkoo uumame ogummaa fi karaa nagaan kan furan ta’uu mootummaan Ityoophiyaa ni amana jedhe.

Mootummaa fi uummanni Ityoophiyaa akkuma kanaan duraa fedhii diimookiraasii uummata Sudaan cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsuu isaa ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.