Fana: At a Speed of Life!

Reeffi obbo Sintaayyoo Tolaa Giddugala Aadaa Oromoo irraa gara mana jireenyaa isaanii magaalaa Sabbataatti gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 9, 2014 (FBC) – Reeffi Hayyuu qorataa Seenaa fi Aadaa Oromoo obbo Sintaayyoo Tolaa magaalaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromoo irraa gara mana jireenyaa isaanii magaalaa Sabbataatti gaggeeffameera.

Hayyuu qorataa Seenaa fi Aadaa Oromoo Obbo Sintaayyoo Tolaa seenaa Ummata Oromoonis ta’ee Ummata biyyattiin hin dagatamne gumaachanii darbaniiru jedhu waahillan isaanii.

Sirga gaggeessaa kanarratti waahiillan isaanii akka ibsaniiti, obbo Sintaayyoon Sirni Gadaa Oromoo Bakka bu’aa Hambaa kiliyaa dhala namaa ta’ee, UNESCOtti akka galmaa’uuf gahee leencaa taphachuun seenaa bara baraan yaadatamu gumaachuu isaanii himan.

Irreecha hora Finfinne iddoo kufeerraa kaasuu keessattis gahee olaanaa ba’uu himan.

Sirni Gadaa sirna barnootaa keessatti akka galuuf gumaachuu isaaniis waahiillan isaanii himaniiru.

Jireenya hawaasummaatiinis nama namaaf gadduu fi jaalala ummataa qaban ta’uus himaniiru.

Obbo Sintaayyoo Tolaa, Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaa keessatti sadarkaa Ogeessaa irraa eegalee hanga Hogganaa Itti Aanaa Biirootti hojiilee Uummata Oromoo sadarkaa biyyaafi Idil Addunyaatti beeksisan hojjetaniiru.

Hanga dhibeen tasaa isaan mudatee Addunyaa kana irraa boqotanittis Itti Aanaa Daayreektara Inistitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo ta’uudhaan tajaajilaa turaniiru.

Akka OBN gabaasetti awwaalchi isaanii Caamsaa 10 bara 2014 magaalaa Sabbataa Bataskaana Gabreeliitti sa’aatii 6: 00 irratti kan raawwatamu ta’uus koreen awwaalcha isaanii raawwachiisuuf hundeeffame ifoomseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.