Fana: At a Speed of Life!

RIB hidhattoota ABUT irraa meeshaalee waraanaa garee fuudhe

Finfinnee, Caamsaa 18, 2015(FBC)- Raayyaan Ittisa Biyyaa hidhattoota ABUT irraa meeshaalee waraanaa garee fuudhuu ibsame.

Bu’uura waliigaltee Piriitooriyaan Raayyaan Ittisa Biyyaa guyyaa har’aa hidhattoota ABUT irraa meeshaalee waraanaa garee fuuchuu ibsameera.

Waliigalticha hordofee kanaan dura walharkaa fuudhiinsi meeshaalee waraanaa gurguddaa taasifamuun isaa kan yaadatamudha.

Walharkaa fuudhiinsi meeshaa waraanaa guyyaa har’aa taasifame kunis qaama hojii kanaa ta’uu TOI gabaaseera.

Walharkaa fuudhiinsichi bakka Laaccii jedhamtu kan dhiyeenya magaalaa Maqaleetti argamtutti ta’uufi sirna walharkaa fuudhiinsa isaarratti taajjabdoonni Gamtaa Afrikaa argamuu eerameera.

Walharkaa fuudhiinsi meeshaa waraanaa kun qaama waliigaltee nagteenyaa ta’uu bakka bu’aan Raayyaa Ittisa Biyyaa Birgaader Jeneraal Darribee Makuriyaa ibsaniiru.

Walharkaa fuudhiinsa kanaan meeshaalee waraanaa garee gidduugaleessa jedhaman fuuchuu eeraniiru.

Bakka Bu’aan Hodhattoota ABUT Birgaader Jeneraal Migbaay Hayilaan gamasaaniin, walharkaa fuudhiinsi meeshaa kun bu’uura waliigalteen raawwatamuu eeruun, hojiirra oolmaa waliigaltichaaf gahee isaanirraa eegamu ba’achaa jiraachuu ibsaniiru.

Miseensi taajjabbii Gamtaa Afrikaa sirna walharkaa fuudhiinsa meeshaa kana kan taajjaban Birgaadeer Jeneraal Teefoo Sookooleen, walharkaa fuudhiinsi meeshaa kun waliigalteen nageenyaa haala gaariin hojiirra oolaa jiraachuuf agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.