Fana: At a Speed of Life!

Riifoormiin gabaa boba’aa bu’aa galmeesaaa jira jedhame

Finfinnee, Amajjii 23, 2015 (FBC)- Waggaa tokkoon dura kan eegalame deeggarsi boba’aa yaadame bu’aa galmeessaa jiraachuun ibsame.

Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaan waggaa tokkoon fi baatii ja’aaf hojiirra oolchaa kan jiru raawwii deeggarsi boba’aa yaadame qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin gamaaggameera.

Gamaaggamichaan bu’uura kaayyoo riifoormichaan, sababa deeggarsa boba’aatiin dhiibbaa idaa mootummaarraa ture hir’isuu, qisaasamaa raabsaa boba’aarratti mul’atuu fi seeraa alummaa hambisuun bu’aa olaanaan galmaa’uu ibsameera.

Adeemsaa hojiirra oolma isaan bu’aalee eegalaman akkuma jiranitti ta’ee rakkoolee hedduun jiraachuun kan eerame yoo ta’u, kutaalee hawaasaa galii gadaanaa qaban deeggarsaan fayyadamummaa isaanii mirkaneessuuf hojiileen hafaan akka jiran eerameera.

Waltajjicharratti hojiileen bu’aa qabeeyyiin cimanii itti fufuu akka qaban, rakkoolee mudataniif ammoo furmaata qorannoorratti hundaa’e barbaaduun sirna deeggarsa boba’aa yaadame yeroo gabaabaa keessatti guutummaatti hojiirraa akka oolfamuu kallattiin kaa’ameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.