Fana: At a Speed of Life!

Riik Maachaar itti aanaa preezdaantii biyyattii ta’uudhan muudaman

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2012 (FBC) – Hogganaan mormitoota Sudaan Kibbaa Dooktar Riik Maachaar itti aanaa preezdaantii biyyattii ta’uudhan muudaman.

Muudamni isaanii mormitoonnii fi mootummaan biyya bulchu mootummaa biyyoolessaa tokko uumuuf waliigalteerra ega ga’ameen booda.

Sudaan Kibbaa Sudaanirraa bara Faranjootaa 2011 bilisa baatee, waggaa lamaan booda ture walwaraansatti kan galte.

Walitti bu’iinsichaan duguuggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994tti aansee, namoonni 400,000 ta’an lubbuu isaanii dhabaniiru.

Walitti bu’iinsichi kan mudate yerichatti preezdaan Saalvaa Kiir itti aanaa isaanii Dooktar Riik Maachaar taayitaarraa buusuu isaanitiini.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.