Fana: At a Speed of Life!

Riippabliika Demookraatawaa Koongootti namoonni naga’aa kumni 1 fi 300 ajjeeffaman

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) –Riippabliika Demookraatawaa Koongootti namoonni naga’aa kumni 1 fi 300 ajjeeffamu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.
 
Walitti bu’iinsaa naannoolee biyyatti gidduutti uumameen ajjeechaan jumalaa raawwatamuu dhaabbatichi ifoomseera.
 
Lammiileen kuma dhibba 5 ol ta’an ammoo qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’aniiru.
 
Ajjeechaan garri caalu dhiyeenya kana Iituurii, Kaabaa fi Kibba Kiivuutti kan raawwatame ta’uu dhaabbatichi eerera.
 
Ajjeechaa rawwatameef humni nageenyaa mootummaa biyyattii fi gareen hidhattootaa itti gaafatamummaa ni fudhatu jedhame.
 
Ajjeechaan jumalaa fi haleellaan raawwatame yakkaa fi sarbama mirga namoomaan kan gaaffichiisu ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti itti gaafatamaan Mirga Namoomaa Miisheel Baachileet akeekkachiisaniiru.
 
Yeroo ammaas haleellaa cimaa dhufeen namoonni qa’ee fi qabeenya isaanirra buqqa’an daraan dabalaa jiraachuu himameera.
 
Maddi:- al jazeera
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.