Fana: At a Speed of Life!

Riippabliika Demokraatawa Koongootti Iiboolaan lubbuu namoota 2,231 galaafate

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Riippabliika Demokraatawa Koongootti dhibeen Iiboolaa lubbuu namoota kuma 2 fi 231 galaafate.

Dhibichi waggaa tokko keessatti lubbuu namoota kuma 2 fi 231 galaafachuu isaa Ministeerri Fayyaa biyyattii ifoomsera.

Biyyattiitti baatii Hagayyaa bara Faranjootaa 2018 hanga ammaatti lakkoofsa namoota dhibichaan qabaman kuma 3 fi 373  keessaa namoonni kumni 2 fi 231 du’aniiru.

Weerarri dhibee Iiboolaa kun biyyattiitti kan mudate yeroo 10ffaaf yoo ta’u, erga bara Faranjootaa 1976 as inni bara kanaa hammaatadha jedhameera.

Ogeeyyiin fayyaa giddu gala yaala dhibee Iiboolaa biyyattiitti tajaajila laatan illee lubbuu isaanii dhabaniiru.

Dhibichi dhiha Afrikaatti bara Faranjootaa 2014 keessa lubbuu namoota kuma 11 galaafachuun isaa kan yaadatamudha.

Maddi:-CGTN

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.