Fana: At a Speed of Life!

Roobootii Abukaatoon abukaatummaan dhaddacha falmuufi

Finfinnee, Amajjii 4, 2015(FBC)-Dhaabbata Ameerikaa ‘DoNotPay’ jedhamuun kan kalaqame Roobootii Abukaatoon jalqabaa maamiltootaaf abukaatummaan mana murtii dhaabbachuun dhaddachaa falmuufi.

Roobootii kun maamiltoota saffisaa ol konkolaachisuun himataman walaba baasuuf gorsa seeraa kennuuf Guraandhala dhufu mana murtii akka dhaabbatu gabaafameera.

Himatamaan turtii dhaddacha mana murtiitti qabaaturratti gorsa Roobootii Abukaatoo dhaga’uuf appilikeeshinii bilbilaa fi meeshaa ittiin dhaggeeffatan akka fayyadamu eerameera.

Haaluma kanaan Roobootiin Abukaatoo bilbila himatamaa irratti, himata abbaa alangaarraa dhiyaatuu fi yaada dhaggeeffachuun, wayitaa falmiitti maamilli deebii deebisuu qabu qajeelfama kennaaf jedhameera.

Roobootiin kun dandeetti kana kan qabaate, qabatamaan haqoota seeraa bu’uureffachuun kan leenji’e ta’uu Daily Mail gabaaseera.

Hoji Raawwachiisaan Dhaabbata ‘DoNotPay’ Jooshuwaa Biroowudar, sirni artifiishaal intalajansii dhaabbatichaan kalaqame kun falmii mana murtiitti gaggeeffamuu yoo injifate adabbiiwwan himatamaarra ga’uu danda’an kaffaluuf waada seenaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.