Fana: At a Speed of Life!

Roobootonni hordoffii yaala fayyaa fooyya’aa laachuu eegalan

Finfinnee, Amajjii 8, 2012 (FBC) – Saayintiistonni Jaappaan roobootota tajaajila yaala fayyaa fooyya’aa dhukkubsattootaf kennuu danda’an hojjechuu beeksiisan.
 
Roobootonni fayyaa namaa eeguuf murteessoo ta’aa dhufuu isaanii qorattoonni Yuunvarsiitii Kiyootoo tokko himaniiru.
 
Teeknika haaraan tajaajila yaala fayyaa qulqulluu fi ga’umsa qabu ni laatu jedhan.
 
Yeroo dhiyoo as baayy’ina ummaataa waliin ogeeyyiin fayyaa walgitu dhabamuun rakkoo hawaasummaa cimaa ta’aa dhufee jira jedhu gargaaraan Proofeesaraa meekaanikaal Injinariingiin yuunvarsitichaa Chaangaan Jeeying.
 
Roobootonni tajaajila yaala fayyaa laatan ulaa kana guutuuf shoora qabu jedhu.
 
Dhukkubsatoota iddoo iddootti sochoosuun tajaajila barbaadamu akka argatan ni hojjetu.
 
Robootonni koompiyuutaraan to’ataman kunneen tajaajila mijataa fi of eeggannoo cimaa qabu wallaannamtootaf kennuuf filatamoota jedhu Jeeying.
 
Tuttuqaa harkaa irraa bilisa waan ta’eef caalmaatti tajaajila yaala fayyaaf filamatoo ta’u jedhame.
 
Tajaajilli yaala fayyaa addunyaa dhugaan tuttuqaa irraa bilisa ta’uu waan hin dandeenyef miidhaaf nama saaxila.
 
Qorannoo kana keessattis tajaajila yeroo yaala fayyaa tuttuqaa irraa bilisa gochuun danda’u qabxii ijoo godhannee hojjenne, bu’aas argannee jirra, jedhu Jeeying.
 
Qorannoo kanaan roobootii harka lamaan qixa namaa hojjechuu danda’u uumuu isaanii ibsaniiru.
 
Roobootonni tajaajila yaala fayyaa laatan kunneen maanguddootaf manatti yaala fayyaa kennuun gammachuu fi haala mijataa ni uumu, jireenyi hawaasummaa isaanii akka dabalu ni godhu jedhu qorattoonnikunneen.
 
Mootummaan Briitaaniyaa narsoota roobootii namoota walaansa barbaadan kunuunsan hojiirra oolchaa jira.
 
Kan Jaappaan kun ammoo baay’ee fooyya’aadha jedhameera.
 
 
Maddi; https://eandt.theiet.org
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.