Fana: At a Speed of Life!

Rookkeettin Chaayinaa guddichi Hawwaarraa gara lafaatti ni kufa jedhamee eegama

Finfinnee, Eebila 29, 2013 (FBC)-Rookkeettin Chaayinaa guddichi Loong Maarch 5B jedhamu Hawwaarraa ariitiin gara lafaatti dhufaa jiraachuu himameera.

Gara lafaatti yeroo kufuu naannoo kam qubachuu danda’aa dhimmi jedhuu hedduu yaaddeessaa kan jiru yoo ta’uu, torbe kana keessaa lafaa akka qaqqabuu kan eegamu.

Ameerikaan imalaa rookkeetichaa hordofaa jiraachuu ibsituus rukuttee buusuuf karoora kan qabne ta’u ibsiteetti.

Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Ameerikaa Looyiid Oostaan bakka miidhaa hin qaqqabsiifneetti ni qubata jennee abdii ni qabaannaa jedhaniiru.

Galaanaa fi iddoowwan biroo qubachuu danda’aa jechuuniis ibsaniiru.

Dhaabbileen miidiyaa Chaayinaa guyyoottan darbanitti rookkeettin guddichi  bakka namoonni hin jirree ni qubata yaada jedhu fudhatamaa dhabsiisaa turaniiru.

Maddi:-BBC

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.