Fana: At a Speed of Life!

Ruuwaandaatti tatamsa’ina koroonaa vaayrasii ittisuuf iddoo dhiqannaa harka sosocho’aa fayyadamuun eegalame

Finfinnee, Bitooteessa 4, 2012 (FBC) – Ruuwaandaatti tatamsa’ina koroonaa vaayrasii ittisuuf iddoo dhiqannaa harka sosocho’aa fayyadamuun eegalame

Ruuwaandaan biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadii keessaa biyya vaayrasichi itti hin galmoofne keessa ishee tokko.
Biyyattiin weerara vaayrasichaa ittisuuf magaalaa guddutti Kiigaalii keessaatti lammiileen ishee meeshaa dhiqannaa harkaa socho’utti akka fayyadaman taasiftee jirti.

Iddoon dhiqannaa harkaa socho’aan kun baankota, giddugala gabaa, buufata konkolaataa fi reestoorantootatti jedhameera.

Kiigaaliitti namoonni buufata konkolaattootaatti tajaajilamuu dhufan marti harka isaanii dhiqachuun dirqama ta’uu ibsameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayrasicha ittisuuf qulqullina eeguun mala ittisaa keessaa isaa tokko ta’uu ibseera.

Maddi:-Rooyitars

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.