Fana: At a Speed of Life!

Sa’aa 24 keessatti qorannaa 1,408 taasifameen, dubartiin 1 vaayrasichaan qabamteetti

Finfinnee, Eebila 22, 2012 (FBC) – Sa’aa 24 keessatti qorannaa laabraatoorii 1,408 taasifameen, namni 1 Ityoophiyaatti vaayrasii koroonaatin qabamuun mirkanaa’era.
 
Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti amma ammaatti qorannaawwan laabraatoorii 17,842 gaggeeffamaniiru.
 
Qorannaa laabraatoorii samuudaa 1,408 sa’aa 24 keessatti gaggeeffame kanaanis vaayrasichaan qabamtee kan argamte jiraattuu magaalaa Baahir Daar, kan umriin ishee waggaa 45 fi nama vaayrasichaan qabameen tuttuqqii qabdudha.
 
Vaayrasichaan qabamanii yaala tursa addaa keessa kan jiran 67.
 
Yaata’uutii wallansa hordoffii cimaa keessa namni jiru hin jiru.
 
Namni haaraan 1 vaayrasicharraa kan dandamate yoo ta’u, waliigalaan namoonni vaayrasicharraa dandamatan 59 qaqqabaniiru.
 
Kanaan dura namoonni 3 vaayrasichaan lubbuu isaanii yoo dhaban, 2 gara biyya isaaniitti deebi’uun ni yaadatama.
 
Haaluma kanaan Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 131 qaqqabeera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.