Fana: At a Speed of Life!

Sa’aad Hararii irra deebiin Muummee Ministiraa Libaanoos ta’uun muudaman

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) –Waggaa tokko dura aangoo kan gadi dhiisaan Sa’aad Harariin irra deebiin Muummee Ministiraa Libaanoos ta’uun muudaman.
Harariin sagalee Paarlaamaa irraa argataniin Musxafaa Adiib bakka bu’uun Muummee Ministiraa ta’uun muudamaniiru.
 
Libaanoos walitti bu’iinsa waliin waliinii ishee muudate furuuf tattaaffirra jiraachuu  himameera.
 
Irra deebiin gara aangootti kan dhufan Harariin qormaata cimaatu isaan eeggata jedhame.
 
Hoogganaan Sunnii Sa’aad Harariin waggaa har’aa mormii ummataa isaan muudateen aangoo gadi dhiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Maddi:-Aljaziiraa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.