Fana: At a Speed of Life!

Sa’aatii 12 keessatti dhibeen COVID-19 namoota kuma 33 fi 481 keessatti argame

Finfinnee, Bitootessa 18,2012(FBC) – Guyyaa har’aa sa’aatii 12 keessatti dhibeen COVID-19 namoota kuma 33 fi 481 keessatti argamuu ibsame.

Ganama har’aa addunyaarratti namoonni kumni dhibbi 5 fi kumni 32 fi 788 dhibee kanaan qabamuu isaanii gabaafamee ture.

Sa’aatii ammaa kanatti ammoo addunyaarratti namoonni dhibee kanaan qabaman kuma dhibba 5 fi kuma 66 fi 5269 irra ga’eera.

Namoonni du’an ammoo kuma 26 fi 369 ta’eera.

Ameerikaa, Xaaliyaanii, Ispeenii fi Jarmanitti ariitii hammaatan tatamsa’aa jiraachuu ibsameera.
Xaaliyaanitti guyyaa har’aa namoonni 919, Ispeeniitti ammoo namoonni 769 du’uu isaanii ibsameera.

Ameerikaatti namoonni dhibichaan qabaman kuma 92 fi 932 ga’aniiru.

Biriitaaniyaatti guyyaa har’aa Muummeen Ministiraa biyyattii fi Ministirri Fayyaa biyyattii dhibichaan qabamuutti himame.

Ardii Afrikaatti ammoo Afrikaa Kibbaatti namoonni qabaman kuma 1 ol ga’eera jedhame.

Sababa kanaan biyyoonni addunyaa hedduun karra erga cufatanii bubbuleera.

Biriitaaniyaan namoota qajeelfamaa fi ajaja vaayrasicha ittisuuf ba’e darban irratti tarkaanfii hammaataa fudhachuu eegalteerti.

Poolisiin biyyatti guyyaa har’aa nama qajeelfama sochii daangeessuu cabsuun daandirratti argame tokko raraasan tarkaanfii irratti fudhataniiru jedhame.

Afrikaatti ammoo Ugaaddaan tarkaanfii fudhattu cimsee jirti jedhame.

Maddi:- Daily mail, washington post , Sky News fi CGTN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.