Fana: At a Speed of Life!

Saatalaayitiin Ityoophiyaan gara hawaatti ergite dammaqina gaarii uuma – aadde Yaalam Tsaggaay

Finfinnee, Muddee 10, 2012 (FBC) – Saatalaayitiin Ityoophiyaan har’a gara hawaatti ergite dargaggootarratti dammaqina gaarii uuma jedhan ministirri Ministeera Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa FDRI aadde Yaalam Tsaggaay.

Waltajjiin ‘Yuuz Koonneekt Ityoophiyaa’ magaalaa Finfinnee Hoteela Skaay Laayititti gaggeeffamaa jira.

Ministirittiin waltajjicharratti haasaa taasisaniin dargaggoonni nageenyaa fi misooma biyyaatif hojjechuu qabu jedhan.

Mootummaan Ityoopiyaas rakkoo carraa hoji dhabdummaa dargaggootaa furuuf hojjechaa jira jedhan aadde Yaalam Tsaggaay.

Dameen dhuunfaa fi miti mootummaa gaaffii dargaggootaa deebisuu keessatti sochiilee mootummaa akka deeggaran gaafataniiru.

Sagantaan ‘Yuuz Koonneekt’ walitti dhufeenya dargaggoota Afrikaa cimsuuf bara Faranjootaa 2012 preezdaantii Ruwaandaa Pool Kaagaametiin kan jalqabamedha.

‘Yuuz Koonneekt Ityoophiyaa’ yoo jalqabamu kan hundaa’e, dargaggoonni nageenya, demokraasii fi misoomarratti akka hirmaatan, carraa hojii uumuu, waggaa guutuu hojii tola ooltummaa akka hojjetan, dargaggoota hoggansaaf ga’oomsuu fi walqixxummaa koorniyaa mirkaneessufi.

Waltajjii kanarratti dargaggoonni, qondaaltonni mootummaa, ambaasaaddaroonnii fi hirmaattonni damee dhuunfaa argamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.