Fana: At a Speed of Life!

Saawd Arabiyaan eeyyama jireenyaa fi kuufama adabbii kaffaltii viizaa ba’umsaa lammiilee Ityoophiyaa irra keessee turte kaafte

Finfinnee, Amajjii 7, 2012 (FBC) – Saawdi Arabiyaan lammiilee Ityoophiyaa eeyyama jireenyaa osoo hin haaroomsin gara biyyaa deebi’uuf eeggata turanii fi kuufama adabbii kaffaltii viizaa ba’umsaa irra keessee turte kaafte.

Laammiileen alaa eeyyama jireenyaa osoo hin haaroomsiin Saawdi Arabiyaa keessa turan viizaa ba’umsaa argachuuf lakkoofsa maatiin birrii Riiyaadii 400 gaafatamaa turan.

Sababa kuufamni adabbii kaffaltii baayy’ateen lammiilee hedduun carricha irraa fayyadamoo osoo hin ta’an hafaniiru.

Adabbiin kaffaltii kun akka ka’u gaaffii dhiyaate irratti marii taasisuun mootummaan Saawd Arabiyaa kuufamni kaffaltii kun guutumman akka ka’u Imbaasii Ityoophiyaa Riiyaad waliin waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen kun lammiilee Ityoophiyaa eeyyama jireenyaa seera qabeessummaa osoo hin argatin turan dhiifama Mana Murtii Mootii Saawd Aribyaa irraa argameen bifa addaan eeyyama jireenyaa argameedha jedhame.

Hojiirra kan ooluus baatiiwwan 6n dhufan keessatti qofa ta’uu ibsameera.

Carraa argame kanatti fayyadamuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin xiyyeeffannoo addaan hojjechuuf qophii barbaachisu taasisuu isaanii Imbaasiin FDRI Riiyaad fi waajjirri Qoonsilaa Jiddaa ifoomsaniiru.

Hojiin hojjetamus manneen hojii mootummaa Saawd Arabiyaa waliin ta’uu akka ta’es ibsameera.

Dabalataan buufataleen tajaajila kana laatan magaaloota Madinaa, Abhaa, Jiizaan, fi Xaa’iifti yeroof ni banamu jedhameera.

Yeroo eeyyamame kana keessatti lammiileen kunneen carraa argametti seeraan fayyadamuu akka qaban Imbaasichi hubachiiseera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.