Fana: At a Speed of Life!

Saayintistoonni teeleeskooppii haaraa fayyadamuun kaartaa hawaa haaraa qopheessan

Finfinnee, Sadaasa 22, 2013 (FBC) – Saayintistoonni Awustiraaliyaa teeleeskooppii foyya’aa fi haaraa gammoojji keessa jiru fayyadamuun gaalaaksiiwwan haaraa miiliyoona argachuusaanii dubbatan.

Dhaabbatnii saayinsii biyyaalessa CSIRO, teelewskooppin haaraa kun yeroo gabaabaa keessatti odeeffannoowwan hedduun ”kaartaan hawaa haaraa akka uumamu,” taasiseera jedha.

Hanga ammaatti galaksiiwwan miiliyoona sadii kaartaatti kan dabale yoo ta’u, suuraaleen argamaniis kan isa durii irra dachaa lama qulqullina kan qabu ta’uu qorannichi ni ibsa.

Ogeessonni qorannoo hawaa (astiroonoomii) suuraleen kun waa’ee hawaa irratti argannoo haaraatti nu geessa abdii jedhu qabu.

Dhaabbatni CSIRO akka jedhutti kaartaa kana qopheessuuf sa’aatii 300 kan itti fudhate yoo ta’u, kana dura qorannoon hawaa akka kanaa waggoota fudhata ture.

Argannoon qorannoo kana uummataaf ifa waan ta’eef, saayintistoonni addunyaa irra jiran marti ”akkamiin urjiin uumame kan jedhu hanga galaaksiwwaan akkamiin guddatu kan jedhu,” qorachuu danda’u jedha qorannoo kana kan durse Dooktar Deevid Makoneel.

”Gara fuulduraatti gaalaaksiiwwan haaraa miiliyoonaan ni arganna jennee yaadna,” jedha.

Argannoon qorannoo kanaa jalqaba kan maxxanfame, Maxxansa Hawaasa Qorannoo Hawaa Awustiraaliyaa irrattidha.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.