Sababa Yaa’ii Gamtaa Afrikaan Tarminaaloonni Geejjibaa uummataa bakki jijjiiraman ifooman
Finfinnee, Guraandhala 4, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti Sababa Yaa’ii Gamtaa Afrikaan Tarminaaloonni Geejjibaa Uummataa bakki jijjiiraman ifoomaniiru.
Haaluma kanaan Guyyaa Boruu Waaree dura sa’aatii 4:00 eegalee hanga Wiixata dhufuutti:-
1. Tarminaalli Warshaa Araqee bira ture gara Naannawaa Hoteela Diiyafiriikaatti
2. Hoteela Waabii Shabalee cinaa kan ture Gara Laga Harreetti,
3. Naannawaa Gamoo Xamaamaa kan ture gara Riqicha Addabaabayii Saarbeetiitti jijjiiramuu bulchiinsi Magaalaa Finfinnee beeksiseera.
#Oromia #Ityoophiyaa