Fana: At a Speed of Life!

Sababii weerara vaayrasii koroonaatin dhiibbaa mudachuu malu furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame

Finfinnee, Hagayya 7, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sababii weerara vaayrasii koroonaatin dhiibbaa jireenyaa mudachuu malu furuuf hojjetamaa jiraachuun ibsame.
 
Waajjirri Trast Fandii Hawaasummaa Finfinnee akka beeksisetti rakkinicha dandamachuuf falli qophaa’aa jira.
 
Waajjirichi dhiibbaa mudatu dandamachuuf galii walitti qabuu cimsuuf ni hojjetama jedheera.
 
Itti gaafatamtuun waajjirichaa aadde Fiqirtee Nagaash akka Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti himanitti, kanaan duras lammiileen sababii weerarichaatin rakkoo diinagdeef akka hin saaxilamne hojiin galii walitti qabuu hojjetamaa tureera.
 
Hojiin deeggarsa walitti qabuus karaa Baankii Daldalaa Ityoophiyaa fi Daashaniin galii ta’aa tureera jedhan.
 
Oomishaaleen eegumsa qulqullinaa, uffannaan, nyaataa fi deeggarsi addaddaas walitti qabamaa tureera.
 
Haaluma kanaan Birrii miiliyoonni dhibba 2 fi miiliyoonni 30, akkasumas deeggarsi akaakuu Birrii miiliyoona 400 tilmaamamu walitti qabameera.
 
Deeggarsa walitti qabuun akka hin qabbanoofne hojiin dadammaqiinsa uumuu ni hojjetamas jedhan aadde Fiqirteen.
 
Sochii waajjirichaatin cinaatti hawaasnis hojii tola oolmaa fi harka qalleeyyii deeggaruu akka itti fufu waamichi dhiyaatera.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godha
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.